Home Og-barruu Wallee Haacaaluu Hundeessaa *Nan Gaabbe*

Wallee Haacaaluu Hundeessaa *Nan Gaabbe*

by Kedir Abdulatif

NAN GAABBE

Hiikkaa Sirba Haaraya Haacaaluu Hundeessaa!

Albama Haaraya Haacaaluu Hundeessaa “Maal Mallisaa” jedhu keessaa Sirboonni hedduun namoota hedduun hiikkaan itti kennamuus Sirbi Qeenxeen “Nan Gaabbe” jedhu kun garuu, hiika yeroo itti kennamu an gama kootiin hin argine. Yeroo hedduu Raajii sirba kana keessatti argamurraa barreessuu fedhee namoota ciccimoo asirratti sirboota Afaan Oromoo hiikaa jiraniin of wal dorgomsiisuu fakkaata jedheen of qabaa ture.

Akka ogeessa Walalootii fi Dhaggeeffataa sirba Afaan Oromoo tokkotti yeroon ilaalu, Walaloon hanga ar’aa an dubbisee fi sirbootaan hanga ar’aa dhaggeeffadhe keessatti Walaloon, walaloo sirba kana keessatti dhaga’e wajji walaloon wal dorgomtu hin jirtu. Raajii walaloon sirba kana keessatti natti hanga sadarkaa Afaan guutee nama biraatii mitii Haacaaluun mataansaa osoo lubbuun jiraatee walaloo akka Walaloo sirba kana keessatti barreessee nan barreessa osoo jedhe ni sobe na jechisiise.

Raajiin sirba kana keessatti sitti mul’ate “Maali” jettenii kan na gaafattanii fi obsaan hanga dhumaatti na hordoftanii miiraan an sirba kana keessaa dhamdhame kan na wajji ni dhamdhamtan.

“Nan Gaabbe” jedha mata dureen sirba kanaa. Akkaataan Ka’umsaa fi galumsa walaloo sirba kanaa kan gaabbii isaa ibsachuuf ittiin fayyadame yoo kan keessa gad buutanii dhaggeeffattanii fi jechoota inni achi keessatti fayyadame tokko tokkoon adda dhiltanii kan ilaaltan ta’e, na wajji akka jaalala sirba kanaatiin maraattan hin shakku. Walaloon sirba kanaa yeroo dura jalqabu

“Durattuu Yoom sirrii turtee
Naa galee osoon si kadhuu
Ennaa deemtu yoom fakkaataa
Gaabbitee akka deebituu” jedha.

Yaanni walaloo isaa eenyuufillee ifa kan ta’eedha. Haceen asitti Haadha Manaa isaa ykn Jaalallee isaa wajji miira akka nama wal dhabee tokko wajjji bakka of buuseeti kan yaadasaa ibsachaa jiru.

“Durattuu yoom sirrii turte”

Yeroo jedhu akka nama jalqaba dogogora xiqqaa isaan jidduutti uumame irra dhaabbachuun dogongoraa isa hubatee, osoo inni akka yeroo dhugaan isaa itti mul’ate namni san deebi’ee dhufu
“Naa galee osoon si kadhuu” jechuun yeroo sirriitti osoo kophummaan sitti dhaga’amee dhugaakoo sitti hin agarsiisne taa’i je’ee kadhatuu

“Ennaa deemtu yoom fakkata akka gaabbitee deebitu”

jechuun walaloo sirbichaa keessatti deebi’uu isiitiin wal qabsiisee miira injifannoo isatti dhaga’ame, akkamitti akka isheen akka nama lammada isatti hin haajamne ykn isa hin barbaannee of fakkeessuun kadhaasaa diduun harka isaa darbitee akka isheen dirreetti isa gattee deemte nuuf himuun yaaluu isaati.

Garuu, ammallee bifa nama tasgabbii qabuutiin osoo hin ta’in akka nama miira injifannootiin barbaachisummaa isaa itti agarsiisee gaabbii keessatti uumuun ishee gara isaa lammada deebisee waamuuf itti fayyadame kan nutti agarsiisa.

Buufata Walaloo itti aanu keessattimmoo dogongora akkam akka miirri inni buufata walaloo duraa keessa tureen akka isa dogongorsiisee fi hangam akka deebitee dhufuun ishee akka macheessee ishee haaraya itti fakkeessee lammada deebi’ee ishee kadhachuuf akka isa dirqisiise nutti agarsisa.

“Nan beekaa otoo hin beekin
Akka deemte na darbitee
Garuu maal godhuu garaankoo
Dhiifamakee yoom fudhatee?”

Jechuun isheen yeroo isa darbitee deemtu akka miira dal’ansuutiin of wallaaltee garaasaa madeessitee deemtee fi dogongorri ishee kunimmoo bultii yeroo isheef galee waan isa goote kanatti akka gaabbitee deebitu osoo beekuu fi yeroof irraa callisee guyyaa dhugaasaa hubattee isheen deebitee dhuftu osoo hawwiin taa’ee eegaa jiru, yeroo isheen deebitee dhuftu surprise ta’ee miira keessa isaa jiru dhoysuun dhiifama ishee fudhachuu didee deebitee akka isheen dhiistee deemtu nutti hima. Buufata itti aanu keessatti

“Dogongorakeen dabalee
Gocha kankootuu na aarse
Dhiifamakee otoon fudhee
Aniis nan gaabbe deebisee”

Jechuun gochisaa kunimmoo dogongora ishee san gubbaan dogongora biraa akka inni dabalee nagaa isaa booreesse deebisee akka ofitti gaabbu akka godhe nutti himuuf yaala. Itti aansuun

Kanan beeke atoo
Eessa jirta Jaalatoo
Nan yaadin halaala teesse
Dafii koottu yoo dandeesse
Nan yaadin halaala teesse”

Jechuun kana booda aniis gatiikee argeeraa atiis yoo kan dhugaan na jaalattu ta’e halaala teessee na yaaduu dhiisiitii iddoo jirtuu koottuu nagayaan mana keetitti gali jechuun dhugaa keessa isaa baasee itti himuun akka tapha joollee joollee kanaan dadhabatee jiru nuuf himuuf yaalaa jira. Itti aansuun,

“Gargar baane jiruun
Akka nuuf hin taane
Nan beeke beekkadhu

An gaabbiikeen gaabbee
Dhiifamakeen fudhee
Na waliin jiraadhuu”
Jechuun itti fufee

“Nu lameen jeeqamnee
Jiruu keenyas jeeqnee
Maaliif adda baanaa?

Aniis badii hin qabuu
Atiis qulqulluudhaa
Koo waliin jiraannaa” Jechuun jireenyi ishii malee akka isa jeeqaa jiruufii isiin gargar bahee akka kophaa jiraachuun isaaf hin danda’amne itti himuun, kana booda miira mufii fi dallansuu keessaa baanee tasgabbiin akka walii galanii waliin jiraachuu qabaniis badiiwwan inni balleessaa turees kan shakkii jaalalaa irraa maddee fi wantoonni inni ishee itti yaakkee akka isheen isa dhiistee deemtuuf ishee godhees hinaaffaa qofa ta’uu hubatee ishees irraa qulqulleessuun of duuba deebi’uufiisaa nutti agarsiisuuf yaalaa jira. Itti aansuun,

“Namni akkamitti of dhokotee
Miirasaa sobee jiraataa

Dhugaa simachuu dadhabee
Of miidhee jiruu filataa

Jaalalaa nu jidduu jiraa
Of sobuun nun baasu beeki
Deebi’ii aniks sin eegaa
Nu waliif nu uume Rabbii!”

Jechuun walaloo sirba kanaa goolabbii itti kanna. As keessatti miira isaan lachuu keessa jiran kan itti mul’atuu fi miidhaan isaan kophummaan miidhamaa jiran kan waloo san caalaa akka ta’e itti himuun. “Jaarsaaf Jaartiin bishaan tokkorraa waraabaman” akka ja’anitti hangam fedhe dhidhiittattuus deebitee dhufuunkee hin oolamuu waca guyyaa keessatti of dhoysitee halkan gaabbiin of miidhuu dhaabii osoo qilleensi nu jidduu hin seenne dhugaa jiru liqimsii koottu yaada je’u dhaameefii walaloo isaa goolabe.

Walaloo sirba kanaa hangaan an hiikeetuu hangana malee qabiyyeen yaadasaa hedduu bal’aa ta’ee natti mul’ata. Garuu, sirbi kun manguddoo baranaa caalaa namoota wal dhabe akka ofiif walitti araaraman akka godhu shakkii hin qabu. Haceen sirba kana osoo jiraate maal jedhee akka hiika itti kennu tilmaamuun nan dhibu. Yaada dabalataa fi dogongora agartan comment naaf godhaa.

Galatoomaa!

Sadaasa 6/2021
Dirree Dhawaa, Oromiyaa!
Qopheessaan: Eebboo Kemite

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: