Home Oduu Walta’iinsi biyyoota Galaana Diimaa Itoophiyaa qollifate hangam yaaddessaadha?

Walta’iinsi biyyoota Galaana Diimaa Itoophiyaa qollifate hangam yaaddessaadha?

by

Walta’iinsi biyyoota Galaana Diimaa Itoophiyaa qollifate hangam yaaddessaadha?

Biyyoonni nannoo adda addaatti kaayyoo garaa garaaf gamtaa ijaarratu.

Takka takka daldala saffisiisuun diinagdee jabeeffachuuf ta’a yookaan ammoo yaaddoo nageenyaa irraa kan ka’e nageenya isaanii eeggachuufi.

Nato’n kanaaf fakkeenya. Nato kan dhalate waggaa 70 har’aa sodaa tokkummaan Sooviyeet nu weeraruu danda’a jedhuun ture.

Booda garuu tokkummaan Sooviyeetiyyuu diigamtee biyyoota 15 taate. Nato’n kana keessa jabaatee bahe. Biyyoota 12 sodaanne jedhaniin ijaaramee amma miseensota 30 qaba.

Biyyootni miseensa garee kanaa ta’uu barbaadanis dabaalaadhuma jiru. Waraana Addunyaa lammaffaatti kan hundaa’e Nato’n amma fiixee waraana addunyaa sadaffaarra dhaabatee jira.

Afrikaa keessa qindoomminni kaayyoo adda addaa qaban hedduu jaboodha jedhamuu baatanis jiru. Lixa Afrikaatti Ecowas, Gaanfa Afrikaattis IGAD fa’aa maqaa dhahuun dand’ama.

Amma ammoo gamtaan haaraan ‘Waltajjii walta’iinsa Galaan Diimaa’ jedhamu dhiyootti dhalateera.

Waltajjiin walta’iinsa Galaan Diimaa kan eenyuuti?

Hundeessitootni gamtaa kanaa Maasriifi Saa’udii Arabiyaadha. Isaaniin alatti biyyootni jaha miseensa ta’aniiru. Eertiraa, Sudaan, Somaaliyaa, Jabuutii, Yoordaanosiifi Yaman. Biyyootni miseensa ta’an kan gamaa gamasitti wal ilaalaniidha.

Naannoon kun qaama galaanaa daldalli guddaan itti adeemsifamu waan ta’eef muddamni sochii geejibaa itti mudatu ta’ee hawwattumma qaba.

Eeshiyaa, gidduugala Bahaa fi Awurooppaatti nama baasa. Biyya Jabuutii hanga barruu harkaa geessuu keessaa lafa muraasa irratti eenyu fa’utu qubatee kan jedhu ilaaluu qofti ni gaha.

Naannoo kanatti irree jabaa qabaachuuf fiigicha godhamu kan ifatti agarsiisuu dandeessu Jabuutiidha. Biyya hanga barruu harkaa geessu kana keessa Faransaay, Ameerikaa, Chaayinaafi Jappaan buufata qabu. Hindiifi Raashiyaanis sochii eegalaniiru.

Biyyootni fagoo jiran dooniiwwan daldalaa isaanii ulaa kana keessa darbuun isaa waan hin oolleef nageenyi naannii kanaa isaan yaachisa.

Ulaa Galaana Diimaa Baabeel Maand irra rakkoon tokko yoo dhalatee rakkoon isaa warra kana tuquun isaa hin oolu.

Fedhii biyyoota gurguddoo fagoo kana hubachuun biyyootni naannoo kanaa ijaaramuu kan eegalan bara 2018’tti ture. Gamtaan kun bara 2020’tti biyyoota saddeet of keessatti qabatee yaa’ii taa’ee ifatti hundeeffame.

Damee qorannoo Afrikaafi Oreentaal keessatti kan hirmaatan obbo Ni’aammin Ashenaafii gamtaan kun fedha jabaa Masriifi Saawdii Arabiyaan malee miseensota warra hafan jahaan kan ahundaa’e mitii jedhu.

Kanaaf sababni dhiyeessan ammoo haala qabatamaa biyyoota miseensa ta’an birooti.

Masrii malee biyyootni kaan kan ofiin dhaabachuu danda’an miti. Shoora hamaamota Saawdii ta’uu qabu” jedhan.

Manni Maree Bakka bu’oota Uuummataa Itoophyaas gaaffii kaasee ture ogeessa kanaaf dhiyeessine, gamtaan kun maliif Itoophiyaa hammachuu hanqate?

Shira Masriitu keessa jiraa?

Gamtaa kana keessa biyyootni ijoon sadii hin hammatamne, Israa’eel, Emireetota Arabaafi Itoophiyaan. Kun Itoophiyaaf gaaffii ta’eera.

Torbanoota dura miseensi Paarlaamaa Itoophiyaa Dr Toofiiq Abdullaahii ”Galaanni Diimaa unuuf bahaafi galma keenya. Saawdiifi Masriin ta’e jedhanii yoo nu qoodan nutoo maal gochaa jirra? gaaffii jedhu MM Abiyyiif kaasanii ture.

Biyyoota miseensa ta’a keessaa afur miseensota IGAD ta’anii osoo jiranii maaliif qollifannaa kana dhaabsisuu dadhabne? jechuunis dabalanii gaafatan.

”Simbirroon damee mukaa cabaarra kan teessu mukicha abdattee miti. Baallee ittiin barartu abdattee malee. Amma Itoophiyaan Galaana diimaa jetti. Hin shakkiinaa waggaa 10, 15 booda biyyoota fagoo jiran irraas fayidaan qaba jetti. Hiyyeettii taanee hin hafnu, uummata miiliyoona 100 oli. Saba boonaadha…dhiibbaan keenya as naannoo galaana diimaatti kan hafu natti hin fakkaatu” jechuun deebisan MM Abiy Ahimad.

Gama dippiloomasiin hojii hojjetamaa ture ykn hojjetamu ilaalchisee garuu wanti dubbatan hin turre.

Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii haasaa muummichaa kana booda ibsa kennanii ture keessatti Itoophiyana gamtaa kana keessatti hammatamuu dhabuutti mufachuu dubbataniiru.

Obbo Ni’aammin ”keessi isaa yeroo sakatta’amuu warri yaada kana boce eenyu?” gaaffiin jedhu Masriin akan duuba jiraachuu isheef sababa gahaa dhiyeessaa jedhu.

Masriin haala kamiinuu Itoophiyaa dirree dippiloomasiifi diinagdee keessaa fageessuu feetii jedhu ogeessi kun.

”Miseensota gamtichaa keessaa Saawdiitti aantee ajandaashee raawwachiisuu biyyi dandeessu Masrii taati. Masriin ammoo ajandaa dhuunfaa Itoophiyaa qollifachuu qabdi” jedhan obbo Ni’aammen

Ambaassadar Diinaa Muftii ibsa isaanii keessatti Itoophiyaa qollefachuu kana akka hin fudhanne malee kanaaf dura dhaabbachuuf wanta godhamu hin ibsine.

Gaaffii ijoon Itoophiyaan sochii kana dura dhaabbachuuf ammumaa maal gochuu qabdi kan jedhudha jedhu obbo Ni’aammin

Waltajjiin kun gara waraana waloo ce’uu malaa?

Itoophiyaan suuta gara qubeelaa rakkoo seenaa jirtii?

Amma Raashiyaa Yukireen weeraruun gara waraanaatti wanti galche suuta suuta marfamtee rakkoo keessa galchuudha yaaddoo jedhu akka ta’e xiinxaltootni ni himu.

Dhimmootni hedduun gamtaa kanaa kan Nato waliin wal hin argu. Gamtaan kun kaayyoo godhadheera kan jedhu saamicha galaanarraa to’achuu , bu’aa naannicharraa argamu dabaluu, sochii seeraanaa alaa meeshaa waraanfii namaa to’achuudha.

Ulaa gaazii daddabarsuu dabalatee hojii misooma bu’uraa Chaayinaan naannichatti babal’isaa jirtu naannicha gara toora daldalaa guddaa gochuun isaa hin oolu.

Yeroon sun yoo gahu biyyootni naannichaa biyyoota humna qaban fagoodhaa dhufaniin caalamuu hin fedhan.

Kunis sababa gamtaan kun ijaarameef keessaa tokko.

Obbo Ni’aammin Ashannaafii gamtaa kana hundeessuuf wixineen erga dhiyaatee bara hin qabuu jedhanii, biyyoonni amma adda durummaan hundeessan abjuu isaanii akka ture himan.

Bara 2020’tti haa milkaahu malee ”bara 1970’oota keessaa eegalee yaaliiwwan turan” jedhu.

Sababa hundeeffama gamtaa kanaa yeroo gaafannuu biyyoota miseensa ta’aniifi fedha naannichaa hubachuun gaarii ta’uu kan kaasaan ogeessi kun morkii Saawdii Arabiyaafi Emireetota Arabaa gidduu jiru ilaaluun barbaachisa jedhu.

Kuniis gaaffii Yunaayitiid Arab Eemireets maaliif gamtaa kanaan ala taate jedhu kaasa. Obbo Ni’aammin dagatamtee mitii jedhu.

Biyyootni Galfa Kataar yeroo qollifatan Masrii, Saawdiifi Emiroototni Arabaatu qollefatee dhiibbaa diinagdee irra kaahe. Tokkummaa kana garuu itti fufsiisuu hin dandeenye.

Dhiibbaan Emireetotaa naannichaa guddaadha.

”Diipp woorliid Jabuutiifi Somaalilaanditti buufataalee gurguddaa bulchu. Eemireetotni biyyoota qaxanaa kanaa keessatti fedha siyaasaa fi diinagdee qabut.”

Naannichatti humna guddaa kan qabdu Yunaayitiid Arab Emireets osoo keessa hingalchiin gamtaan ijaaramuun daantaa biraa qaba kan jedhan obbo Ni’aammin, ”kanaafi galmi waltajjii kanaaakka hundeessitootni jedhan wal-ta’iinsa daldalaati jedhanii fudhachuun kan rakkisu” jedhu.

”Walta’insa irraa dorgommiitu natti mul’ata,” kan jedhan xinxalaan naannichaa, Saawudii fi Imireetsi ammoo caalaa to’achuuf fiigicha irra akka ta’an jala muran.

“Waltajjii waliigalte daldalaati kan jedhan itti fakkeessuuf (face value). Dhimmichi garuu waliigaltee osoo hintaane dorgommiidha. Dorgommichis kan biyyoota maallaqa boba’aa qaban lamaanitii.”

Dorgommiin kunis cimee yoo deeme maaltu uumamuu danda’a? Imreetis dhimmicha calliftee ni ilaaltii?

Obbo Na’aamiin akka tilmaamaniitti dhimma yeroo ta’eeti malee Imireetiinni cimanii ni dhiyaatu.

”Tarii ummanni hedduu kan qabdu Itoophiyaa itti dabaluun gamtaa (block) Saawudiin dorgomu kan biraa umunsaanii kan hin hafneedha.

Waltajjiin Galaana Diimaa garamiitti guddachu danda’a?

Obbo Na’aam ganaa jalqabarraa cimina waltajjii fi iftoomina kaayyoo irratti ggaaffii qabu.

fakeenyaaf, ogeessoonni Esiraa’eel keessa hin jirtu jedhan, Israa’eel qaama Galaana Diimaa taatee, Itoophiyaan naannichatti dhiibbaa kan uumtu taatee biyyoonni lamaanuu haalli itti dhiifamu jedhu.

”Taatoowwan mummeen waltajjii waliigaltee taatoowwan qaxanichaa kan gara alaatti dhiise ta’ukan nutti himu dhimmi tokko yoo jiraate, kan abjuu biyya tokkichaa qofa raawwachiisuuf dhaabbate ta’usaati,” jedhu Obbo Na’aamin.

Gara Waadaaa Waraanaatti guddachuuf carraa qabaa? jedhamuun gaafatamanii, dhimmichi fagoo itti ta’a. Kanas kan jedhan xiqqeenya biyyoota miseensoota yaaduuniidha.

”Sudaan rakkoorra jirti. Ertiraan kan addunyaalaa qoodamtedha. Somaaliyaafi Yeman ammoo eessa akka jiran ni beekama. Kan hafan ammoo Yordaanoosiifi Masriidha. Waliin cimuun hafee kan waliif haaloo qabaniidha. Gabaabumatti Saawudii dabaaluu yoo ta’e malee biyyoonni kunneen gahee cimaa qabaachu ni danda’u? jechuun gaaffii kaasu.

”Dhaabbileen Nati fakkaatan yoo hundeeffaman kaayyoo fi ergama waloo ifa ta’e qabatanii ture. Waltajjiin kun ammoo kaayyoo yoo qabate kaayyoo Saawudii qabate kan ka’edha.”

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: