Doomee Tumtume
–
Rakkoon taadhii dhalatti,
Salphinni daadhii qicatti,
Bal’ina biyyarraa godaana,
Salphina namarraa ol-aana,
Gaaddidduu namaa haguuga,
Sanyii dhala namaa duguuga,
Namni lallabee walin dhaga’u,
Gamni sagaleensaa olin ba’u,
Iyyee! iyyee iyya! iyya labsa,
Dadhabee humni gaggabsa,
Kufu namni ol-qabu hin jiru,
Ofii afoo cinaa baay’ee hiriiru,
Uusa hin qaban, homa takka,
Biraa hin deeman, faan-takka,
Humna dhahe,
Gara nahe,
Miira mooye,
Ija booye,
Qalbii bir’atu,
Abdii hir’atu,
Hawwii dhaban,
Galma dadhaban,
Osoo deemaa achi fiigu,
Doomni keessa dhiigu,
Miilli walitti sakaalamu,
Durduubni waraanamu,
Rasaasni itti roobu,
Dhukaafni itti deebu,
Onneen nyafaru,
Lapheen hadaru,
Qoma itti kennan,
Dugda itti gatan,
Abjuu itti qabu,
Mijuun hin cabu,
Funyaan ofirraa qaban,
Afaan lafatti dhaaban,
Warraaqsa labsatanii,
Bineensa injifatanii!
–
Kadiir Abdullaxiif Hajjii
Onkoloolessa 14, 2020
Watch on YouTube 👇👇👇