Home Og-barruu “Weedduu Sagalee Rakkoo” – Walaloo Haacaaluu Hundeessaaf walaleeffame!

“Weedduu Sagalee Rakkoo” – Walaloo Haacaaluu Hundeessaaf walaleeffame!

by

Weedduu Sagalee Rakkoo!


Akkam nagaa jirtuu, hundinuu afinaa?
Biyyi nagaa ta’ee, ijaanuu wal-arginaa?
Carraa keenya ta’ee, isin arguu baadhullee;
Ani woyyaa jira, fayyaa bule, mishoo oolee.

Lallabnikoo,
Dhagayamee, sagaleen koo wal-gayaa?
Sabnikoo,
Dandayamee, dagaleen koo wal-dayaa?
Baddaafi,
Gammoojjii geessee, bahaar gama ce’ee;
Baadiyaafi,
Magaalaa dhageessisee, cufa labee qe’ee.

Waaqaafi lafti, naa dhagayi,
Haqaafi nafti, anumaaf nayi,
Iyyaafi lallaba baraa, dharraa dura waggootaa;
Biyyaafi yayyaba maraa, carraa fura dhalootaa;
Gunguma namaa,
Booya daakkiyyee, aaduu dhukkuba huummoo;
Dhundhuma lamaa,
Barooda booyyee, dhaaduu gugguba raammoo.

Nyakkisa yeyyii, wacaafi dhikkisa simbiraa;
Rakkisa bineeyyii, qocaafi himimsa hiriiraa;
Geerrara firaa, du’aafi ajjeechaa dhandhame;
Weerara jaraa, bu’aafi gochaa raawwatame.

Baalli mukaa harca’ee, gonni cufa shokoksee;
Haalli lukaa gaaga’ee, dhiinni kufa bokoksee;
Weedduu sagalee rakkoo, of-keessa gururi’u;
Hedduu dagalee irkoo, barri baranaa hin bari’u.

Ee yaa rabbi kiyyahoo, ee yaa waaqi,
Harka naa bal’adhu, garaa naadaaqi,
Kichuu harkaa qaba, ootuu har’a dhalatte;
Michuu morkaa caba, gootuu bir’a malatte;
Deettuu dheebota, ciniinsuu mony’ee gaye;
Geettuu foolata, hargansuu kornyee looye.

Laga suutee cambaliisu, dhiigatu itti yaa’e;
Saba guutee dallansiisu, dhugaa jala taa’e;
Biyyoo biyya teenyaa, tan qananii miirree;
Kiyyoo tiyya keenyaa, tan dhaananii hin harre.

Loowwan dadammaqu, coraa ol-kakaasee;
Gorbee buburraaqu, faachoo sami qeensee;
Faradoo himimsitu, gaam’ee luuccaa kabe;
Dukkana dimimmistu, awwaara dachi qabe.

Daa’imman lallabdu, gara samaa ilaaltee;
Jaartiin dadhabdu, garaa hamaa agartee;
Jaarsa dirri qooree, uleedhaan tittiratu;
Barsiisaa qomni haree, ijoollee himatu.

Maarree nihirphina, biyyi dunnee hirmaa;
Waaree salphinaa, ambi doomee dirmaa;
“Mataa jiru, sabbata maru,” kaanee birminaa;
“Walii galan, alaa galu,” wal-taanee wal-sarminaa.

Gaabbiin jeefan qabdu, fagoo gaarri dayee;
Dhaabbiin utuba jabdu, ijaarama wal-tayee;
Akka garaa haadhaa, qabsoo burrees deennu;
Akka jaalala haadhaa, waloo badas hin dheennu.

Keenyaafi keessanitti, gargar wal-baafnee;
Kan lafaa fuudhatti, kan harkaa harcaafnee;
Dhaloota kana cabsee, daangaa biyyaa ce’u;
Dharoota sana maqsee, daaraa bubbee fe’u.

Qabsaa’ota dhugaa, sabboonummaan goobe;
Hacee keenyaan ifee, Oromummaan laboobe;
Geerraree haara galfate, dubbatee hoffole;
Dubbii teenya akkan taanee, tasootti okkolee;
Ibiddisaa qabatee, alagaafi diina gube;
An haa kufu hacee, ati kufuun nudhibe.

Hacee!
Goota gurbaa,
Moota Arbaa,
Dhaadhessaa Adawaa,
Guddeessaa Santawwaa,
Volkaanoo lafaa dhooye, mandiisuu waaqaa;
Yaadannoo nafaa looye, bantii samii saaqaa;
Dhuldhula dhala namaa, fayyaa qabeessicha;
Shulshula farraa hamaa, wayyaa jabeessicha.

Abdii Oromoofi Oromiyaa, guddicha fiixee gamaa;
Mudaammuddii ormaaniyaa, hangafticha fixe hamaa;
Weedduu sagalee rakkoo, birbirsa laga Weebii;
Hedduu dagalee irkoo, mirmirsa keessa deebii.

Rufaa rufaaree,?
Dhufaa dhufaaree,?
Sin dagu, sin deegaa,?
Hin rafu, sin eegaa,
Dhalattuu Kuttaayee,
Malattuu jibbaayee,
Dhiibbaa jifaaroo,
Tubbaa Mogoroo,
Tulluu cultaa curree,
Dalluu burraa burree,
Jaalatamaa ummata ajabii,
Kabajamaa biyya Gadabii,
Weedduu sagalee,
Bareedduu kiloolee,
Dhangaa walaloo,
Dheengaa yeedaloo,
Sirbaa eemmolee,
Geerraraa iyyoolee,
Weeddisaa iyyaasee,
Weellisaa biyyaasee,
Abbaa jilbibbii kaleessaa,
Abbaa sirbi dhangaleessaa,
Gurbaa maayikii waayirlasii,
Gubbaa baye waltajjii ergasii,
Mirmirsaa jeeqaafi qeeqaa,
Kirkirsaa dhooqaaf meeqaa?
Utaalaa akka Qamalee,
Habaqaalaa akka tolee.

Qeerransa nyaara leenci
Loltuu Jalduufi Guncii,
Gamtuu Gondar, Maqalee,
Hamtuu Gudur muquqqaalee,
Fiichee keessa fiigee,
Duuchee gurra diigee,
Walisoo mul’ate,
Oromoo guddate,
Ambaaf morme,
Amboof falme,
Oromiyaa jiraate,
Oromoo dubbate,
Shaasheef lallabe,
Asallaaf dadhabe,
Booranaaf aade,
Iluu A.B’f yaade,
Harariif dhukkube,
Gujiif gomboobe,
Karrayyuuf hirqe,
Sooddoof harqe,
Gasoo kaase,
Masoo raase,
Shimala hargufe,
Waamala guggufe,
Baaleef dhawwaaqe,
Booleef warraaqe,
Lafaafi lafeef dhaabbate,
Biyyaafi biyyoof qal’ate,
Dhangaa baqe saamse,
Dhugaa maqe deebise.

Qaqqabaa gaafa danqamtee,
Birmataa Gimbiif Naqamtee,
Isa “Sanyii Mootii” jedhe,
Biyya misoomaa godhe,
Abbaa, Sanyii Mootii,
“Jirra jirtuu, koodee kootii;
Waa’ee Keenya, jirraa fallisaa;
Kaa’ee kennaa, Maal Mallisaa?”
Aggaaroo faarsee, akka heeraa,
Dambii Calloof Goodaa Geeraa;
Sabbata biyya lafaa hambisee,
Walloo Raayyaafi Qobboo Kamisee,
“Jirraafi jirtuu,” saba birbinyee,
Gaafa ‘Master Plan’ Finfinnee,
Raagaa, ‘Araat Kiiloof situ aanee,’
Falmaa qalamaan orma dhaanee,
“Eessa jirtuu,” galma Barkumee,
“Nan rukuttuu,” uleef sharxummee,
Wayyoo! Sinyaatan malaani,
Kufaatii kee, gamoo galaani,
Nagaa labsitee, nageenya sabaa lallabdee,
Alagaa cabsitee, hammeenya dadhabdee,
Biyyoo biyya kan keetii, siphatte,
Kiyyoo kankiyyaa ormaati, jifatte,
Itti citaa, achi dhiibde,
Saamataa, harka qabde,
Gadi ciiftee, hintahu jette,
Wareegama qaaliin biyya bitte,
Wabii Oromoo tahuusaa,
Ragaa taana dhugaasaa,
Kan Awwadaayifi Ciroo,
Jabicha magaalota biroo,
Faarsaa Amboofi Adaamaa,
Beeksisaa dachii Aalamaa,
Ati seenaadha, hin duutu yoomillee,
Nijiraatta lafarra, hegereef ammallee.

Barkumee utaale,
Araat kiiloo caale,
Adawaa barare,
Dirre Dhawaa marare,
Warraaqsaa qabsoo,
Daddaaqsaa masoo,
Weedduu sagalee rakkoo,
Hedduu dagalee irkoo,
Morma biyyaa,
Korma aayyaa,
Hubataa ballaafi booqaa,
Gubataa dhugaafi haqaa,
Gar-jabeessa garee hacuuccuu,
Fayyaleessa caaccuufi balaccuu,
Waddeessa waarree gamaa,
Hoffoleessa maarree dhamaa,
Dargaggeessa darree namaa,
Haacaaluu,
Haacaaluu,
Ilma Hundeessaa Boonsaa,
Ilma Baaroo Tumsaa,
Ilma Agarii Tulluu,
Ilma Taaddesaa Birruu,
Ilma Waaqoo Guutuu,
Ilma Elemoo Qilxuu,
Ilma Bakar Waaree,
Bakkalcha jirraa jirraaree?
Ilma Aliyyii Cirrii Jaarraa,
Yoomuma haqakee agarraa?
Jilicha goda haanquu,
Jibicha anaa daaquu.

Biyyoon,
Galabaamii silaa, haadhee sirraa muchulleessaa;
Kiyyoon,
Koochoomii silaa, dhaqee haqakee qulqulleesaa;
Haa Birraan bariituu,
Yaa jirraan hindhiituu,
Dhugaa kan kee lallabee, iyyee hin dadhabu;
Haqnikee ifa ba’ee, addunyaa haa dhaqqabu.

Waxabajjii 28, 2021
Zabiibaa Roobaa

Guutuusaa YouTube banii caqasi 👇👇👇

You may also like

Leave a Comment

%d bloggers like this: