Home Health Yeroo Ramadaanaa Kana Nyaata Akkamiitu Filatama?

Yeroo Ramadaanaa Kana Nyaata Akkamiitu Filatama?

by Kedir Abdulatif

Yeroo Ramadanaa Kana Nyaata Akkamiitu Filatama?

Hordoftoota amantaa Islaamaa biratti jiini Ramadaanaa ji’a kabajamaafi ulfaataadha. Yeroo sooma Ramadaanaa kana musliimonni waan gaggarii godhaa turan hedduu yeroo cimsanii itti fuufaniidha. Rabbii isaanii ni kadhatu. Rabbiif jedhanii mufiif komii wolirraa qaban woliif dhiisu. Rakkataa ni gargaaru. Waan badaafi cubbuu ta’e cufa irraa of qosatu. Namoonni haalli fayyaa isaanii eeyyamuuf ammoo subii irraa hanga aduun seentutti nyaataaf dhugaatii kamiinu hin nyaatan ykn hin dhugan. Baatiin Ramadaanaa yeroo jaalalaa, yeroo woliiyaaduu, yeroo wolitti dhufeenyi hawaasumma daran jabaatuudha. Haallii fi taaten yeroo ji’a Ramadaanaa, yeroo darbeyyuu yaadannoo addaa namatti uuma.

Soomuun fayyaa namaatiif bu’aa gaarii akka qabu qorannooleeniifii ragaaleen jiran ni muldhisu. Egaa yeroo baatii kabajamaa kana nyaanni sooma qabachuuf subii dura ka’anii nyaatan Suhuur jedhama. Kan yeroo aduun seente booda sooma ittiin lulluuqatan ykn hiikan ammoo Ifxaar jedhama. Hardha gabaabumatti nyaata akkamiitu yeroo Suhuuriifi Ifxaari kana filatamaadha, nyaata akkamii otoo of irraa dhiisnee gaarii ta’a ka jedhu gabaabumatti ilaalla:

Akkuma woligalaatti

* Bishan gahaa dhugaa. Keessattu namoonni naannoo gammoojjiifi hoo’aa jirtan Ifxaariifi suhur jidduu bishaan sirritti dhugaa. Yoo xiqqaate hanga burcuqoo kudhanii. Yeroo tokkoon hin jennee beeka.
* Akkasumas kuduraaf fuduraa bishaan nuuf kennuu danda’an kan akka habaabaa, salaaxaafi timaatimii fayyadamuu.
* Waan akka bunaa, shaayiifi dhugaati akka CocaColla (kookaa) fa’a dhuguun fincaan namatti heddumeessuun bishaan qaama keessaa xiqqeessa, kanaaf dhugaatii kanniin keessatuu yeroo Suhuurii dhiisaa.
* Yoo haalli tole iddoo qabbanaafii gaaddisaa jala turaa, ifaaf hoo’a aduuf yeroo dherraaf of hin saaxilinaa.

Yeroo Suhuurii:

* Wolumaagalatti nyaanni yeroo Suhuuri nyaannu Kuduraa (vegetables), Abukaatoo, kalleef aanaan, akkasumas daabboo qamadii yoo qabaate gaariidha.
* Nyaata garmaalee mi’aan fudhachuu dhabuu.
* Nyaata qibaatii (fat) hedduu qaban cooma fa’a dhiisuu.
* Nyaata sooqiddi/ashaboon itti baay’ate nyaachuu dhabuu. Sooqidda/ashaboo nyaata keenya keessatti garmalee xiqqeessinee fayyadamuu. Iddoo sooqidaa/ashaboo mi’eessituu garagaraas fayyadamuu dandeenya.
* Nyaata xiqqeessinee, suuta suutan nyaachuu. Yeroo tokkoon baay’isnee nyaachuun gubaa lapheefi miirri dhukkubi akka laphee keenya irratti nutti dhagahamu gochuu danda’a.
* Sochii qaamaa gochuu. Fakkeenyaaf deemsa lukaa naannoo jiraannu keessa deema.

Yeroo Aafxiraa

Akkuma woliigalaatti yeroo afxiraa waan dhangala’aa ta’e fudhachuudha: bishaan, nyaata dhangala’a heddu of keessaa qabu, cuunfaa fuduraa, akkasumallee waan qibaatiin itti baay’ate waan akka coomaa fa’a dhiisuudha.

Lulluuqqiif ykn sooma hiikuuf:

* Timira: timirri waan sooma ittin hiiknu ykn lulluuqannu keessaa isa ijoodha. Timirri ammoo gulukoosii/sukkaara qaamni keenya humnaaf barbaadu, akkasumas albuudota qaamaaf barbaachisoo ta’an kan akka pootaashiyeemii, koopparii, maangaaniiziifi akkasumas waan Fiber jedhamu kan qaamaan hin bulloofneefi gogiinsa garaafi madaala ulfaatinna qaamaa eeguuf gargaaru of keessaa qaba.

* Dhugaatiiwwan akka bishaanii, aananii, juusii (cuunfaa fuduraa) fudhachuun sooma hiikuun ykn lulluuqachuunis gaariidha. Bishaan humna dabalataa otoo hin kennin dheebuu qaamni qabu baasuu danda’a. Kan hafan ammoo aanaan, juusiin faati dabalataan gulukoosiifi wontoota biroo qaamaaf barbaachisan of keessaa ni qabu.

* Fuduraawwan (Fruit) — fuduraawwan akka muuzaa, maangoo, burtukaanaa, mandariinaa, aappilii, anaanaasii, paappayaafi kkf fudhachuun sooma hiikun ykn lulluqachuunis gaariidha.

* Shoorbaa: shoorbaa midhaanii, fuduraaf kuduraa, akkasumas foon qabuun sooma hiikuun wontoota qaamaaf barbaachisaniifii humnaa kennaan ni qabaata.

Lulluuqqii booda nyaatni nyaatamu aadaa naannoo naannoo irratti hundaa’uun garagara. Garuu nyaanni nyaannu kun otoo waan akka garbuuf qamadii irraa tolfaman, fuduraaf kuduraa, bu’aawwan aananii akkasumas madda pirootiinii kan ta’an foon, qurxummii, kallee/buuphaafi baaqelaa qabaatanii gaariidha. Kanniin hunda yeroo tokko hin jenne, garuu akaakuu nyaataa shanan kana keessaa yoo xiqqaatee tokko tokko qabaatan gahaadha.

Garuu nyaataaf dhugaati garmalee mi’aayaniifi qibaatiin itti baay’ate dhiisa. Erga nyaanne boodas sochii qaamaa sasalphaa ta’an fakkeenyaaf deemsa (walk) gochuun gaariidha.

Fayyaa naaf ta’aa!
Baga geettan, Ramadan Kariim!
Ramadaan itti milkoofnu nuuf haa ta’u!

©Dr. Nuredin Luke

You may also like

1 comment

Yeroo Ramadaanaa Kana Nyaata Akkamiitu Filatama? – Risaa BS April 11, 2022 - 9:39 am

[…] Yeroo Ramadaanaa Kana Nyaata Akkamiitu Filatama? […]

Reply

Leave a Comment

%d bloggers like this: