Naamusaafi Kabaja

Naamusaafi Kabaja

“Guyyaa tokko booharuuf ‘Business Class’ qabadhee, balaliif xiyyaara seene. Namni na bira taa’ee jiru tokko uffata salphaafi qaalii hin jedhamneef gadi bu’aa uffatee nacinaa taa’ee ture. Nama barate, garuu jireenya giddu galeessaa waan jiraatu fakkaata.

Namooti waliin imalaa ani ture ‘EENYUUN AKKA TA’E’ waan beekaniif ‘KABAJAAF DINQISIIFANNAAN’ na ilaalaa turan. Garuu namni teessoon nacinaa taa’e calliseetuma miira qabbanaawaan waraqaa dubbisa. Yeroo tokko tokko immo foddaan ala ilaala.

Yeroo bunni dhufutti ani cal’isa isaa cabsuuf seeqadhee itti dubbatuuf qophaa’e. Namichis seeqatee ‘Hello’ naan jedhe.

Waliin dubbatuus itti fufnee waa’ee ‘sinimaa, Fiilmiif Tiyaatiraa’ tuquufiin yaale. “Fiilmii ni ilaaltaa?“ jedhee gaafadhes.

Namichis “eeyyeen, waggoota kana keessa guyyaa takka ilaaleen ture, muraasa nan ilaala,” naan jedhe.

“Ani fiilmii keessatti akka nama BEEKAMAA, ta’e, akka biyyaattis sadarkaa duraarra akka jiru itti dubbadhe, fiilmiwwan ani irratti dalages ittin hime.”

Namichis, “gaariidha, hojii bareedaadha,” naan jedhee qabbaneessee cal’ise.

Yeroo xiyyaarri keenya qubattus nagaa itti dhaamuuf harka itti diriirsee, “sifaana imaluu kiyyaan natti tolee jira. Maqaan kiyya Amithaab Bachaani jedhama,” jedheen. (Nama beekamaa, jabaa ta’uusaa osoo beekuu jalaa qabbaneessuun miirasaa aarsaa…..😂)

Namichis harka kiyya qabatee seeqataa, “galatoomi, siwaliin wal-baruu kootti gammadee jira…. Maqaan kiyya immoo J.R.D. Tata’dha,” jedheen. (J.R.D Tata Abbaa Qabeenyaa Biilliyenarii Indastirii Tata’ti. Kaampaanii guddaa sochoosa.)

Anis guyyaa sana kanan baradhe, hangamuu beekamaaf nama jabaa gootee of yaadduu…kan sii olii jiraachuu isaa beekuudha. Nama hunda kabaji gatii si kafalchiisu hin qabuu.

Naamuusni fi kabajni namoomaa beekamtiif beekumsaan oli. Yeroo tokko tokko beekumsi kufaatiif sababa ni ta’a, garuu naamusniif kabajni hundaa ol moo’ee jiraata.

Maddi: Kan Dubbise

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *